Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Muddee 27/2009 Magaalaa gudditti Biyya Nezerland ,Amsterdamitti  guyyaa ayyaana WBO fi jal bultiin Amajjii 1,2010 Miseensotaa fi degertoota ABOn kabajame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 28,2009) MOAn akka  gabaasetti sirni kabaja guyya gooticha WBO,biyya Nezerlanditti gaggeeffame kun kan eegalame akka sa'atii Amsterdamitti guyyaa keessaa sa'aatii  11;00 hanga galgalaa keessaa sa'aa 8'00tti   yemmuu ta'u ,miseensootni fi deeggartootni ABO konyaa kanaa guyyaa guutuu WBO leellisaa fi faarsaa oolaniiru.

J/Hangaatuu Baalchaa, dura teessuun Konyaa ABO Nezerland hirmaattoota ayyanichaatiin erga baga nagaan dhuftanii jechuun haasaan erga banaanii booda,guyyaa gooticha WBO seenaa qabessa kana kan kabajnu muranno fi kutannoon cinaa isaa dhabbachaa akka jirru guyyaa ittii mirkaneessinuu fi dirqama Oromummaa isa irraa maayii bahuu keenya kan waadaa keenya irra daddeebifnee itti haaromsinu ta'uu qaba jechuun dhaamaniiru. 

Dura teessuun konyaa ABO Nezerlands J/Hangaatuu Baalchaa itti dabalauun   guyaan WBO maaliifii fi akkamitti , WBO fi uummata Oromoo biratti akka kabajamu  hirmaatoota sirnicha irratti argamanii fi ilmaan Oromoo kanneen sarara paltalk irraan  hordofaa oolaniif erga ibsanii booda ifatti saganticha bananiiru.

Guyyaan  kabaja gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo kuni keessummootni kabajaa, miseensotnii fi deeggartootni ABO, manguddootni shamarran,dargaggootai, daa’immaan walumaaa galatti hawaasni Oromoo  biyya Netherlands erga bakka  teessuma isaanii qabatanii booda akka duudhaa Oromootti eebba manguddootaan eegale. Itti aansuudhaan  faaruun ALaabaa Oromiyaa jedhu  gamtaan farfaatameera.

Akkuma aadeffame wagga waggaan biyya Netherlands keessatti kan kabajame guyyaan Waraana Bil;siummaa Oromoo kuni walaloolee, faaruu fi  daadhannoolee hirmaattotaan dhihaataniin miidhagee kan oole ta'uun beekameera

Ittiaansuudhaanis  gooticha WBO kan yeroo kamii caalaatti cinaa isaa dhabbachuu keenya kan ittiin mirkaneessuu dandeenyuu,"mata duree  ni tinnisna dhaadannoo" jedhuun Oromootni sirnicha irratti  argaman qaaman, kan haalli osoo mijatuufii didee irratti hin argamne immoo bilbilaan  akka ABO karaa danda’an maraan cinaa jiran mirkaneesssaniiru.

Akka kanaan daa’ima baatii 9 kan ta’e  Dinagdee shimallis Shaanqoo   irraa eegalee hanga manguddootti  WBO horiitiin tumsaa oolaniiru. Miseensii gameessii dhaaba keenyaa J/Dr.Baaroo Qannoo batalumati euro 500.00 arjoomaniiru.fulduratti Ogummaa qabaniin WBO 'f waldhaansaa qaamaan argamanii gochuuf waadaa seenaniiru. Daa’imman Oromoo biyya Netherlands kan biroos  hanga Oromoiyaan bilisoomtutti kan aannanittiin dhugnu irraa  kutnee WBO  tinnisina jechuun euro 10 arjomaaniiru.

Walumaa galatti miseensootnii fi Deeggartootni ABO konyaa Nezerland Gooticha WBO dingadeen jabeessuudhaaf battalumattii Euro 3200 ol (Euro kuma sadii fi dhibba lamaa ol ) gumaachaniiru. Gumaachi WBO'f godhamu kunis  hanga Amajjii 1/2010tti  kan itti fufu ta'uun beekameera.

Gootowwan Miseensota WBO lubbuu isaanii jijjirraa hin qabne gotummaan wareega qaalii baasaniifis yaadannoon sammuu jalqaba irratti godhameera.
Jidduu jidduuttis sirboota qabsoo leellisaanii fi dadhannoolee onnee hirmaattoota kakaasanii dhiyaataa oolaniiru.

Walaloon mata duree "dubaddhu Amajjii" jedhu J/Inkosaa Gurmeessaan kan dhiyaate yemmuu ta'u WBO bifa addaatiin yaadachiisuun hirmaattoota onnachiiseera.

Sirni ayyaan guyyaa WBO kunis karaa sararaa Paltatalkii Oromootaa carraa dhageeffachuu qaban maraaf darbaa ture,maayyii irratti faaruu alaabaa fi dhatanoon haala miidhagaan xumuramuu MOA naannoo san irraa gabaasa.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net